Radio Marii

Radio Marii will present its weekly program in Afaan Oromo.

GD Abbaa Anaajinaa

RM August 4 2013

RM July 22 2013


RM July14 2013
++++++++++++++++++

Dubbi Himaa ABO S/G/S Obbo Boruu Barraqaa



RM July 7, 2013

Mohammed Ademo

RM June 30 2013
********************

A true leader is a leader all the time and places

Ummanni jireenna isaa keessatti yoo gabroome,gabrummaa ufirraa buusuuf jecha manaa bayee falmii hidhannoo admeesisa.Falmii diinaan godhu keessatti hinjifannoolee ol’aanaa ka galmeessan heddutu jira.Gootummaan isaan ittin diina rukutanii laalessan galmee seenaa keessatti jiruuf du’a irrattis ni yaadatamu.Ammas haati goota dhalte itti haa fuftu jechaa,gooticha durii fi qabsaayaa durii manguddoo hardhaa Obbo Xulaa Duubee keessummaa taasifannee jirra.

Obbo Xula Duubee, Goota Kilaasha Dhungatee Qabsoo bilisummaa kaayyoo godhate

Obbo Xula Duubee, Goota Kilaasha Dhungatee Qabsoo bilisummaa kaayyoo godhate


Obbo Xulaa Duubee nama umurii dheeraati, yeroo ammaa kana umriin isaanii woggaa 101. Obboo Xulaa Duubee qabsoo Oromoo baree dheeraa irraa dhandhamachaa nama ture waan taheef dhalootaa ammaatiif seenaa guddaadha. Ka san caalu ammoo urmii isaan kana guutuu qabsoo keessatti dabarsaa jechuu isaaniti. Keessahuu bara 1973 dura sirna mootummaa H/Sillaaseen lolaa turan.Akkasumas bifa shiftaatiin ta’anii mootummaa Italy nis lolaa turuun seenaa isaanii irraa barree jirra.
Baruma 1973tti shiftummaa irraa gara hidhannoo woraana Riphee lolaa ABO geeggefamutti dabalaman.Waahillan ykn saahibban isaanii kan akka G/Waaqoo Guutuu,Huseen Cirrii,Jaarraa Abbaa Gadaa,H/Abdullaayii Ganamoo fi namoota biroo wojjiin qabsoo finiinsaa turaniiru.Itti dabaluudhaan nannawa ykn godina Arsii,Baale,Baddaa Gujii, Boorana,Somaalee fi bakkitee heddu keessatti woraan wol irraa hin cinnee mootummaa Habashaa irratti haleellaa godhaniin hinjifannoo guddoo galameessaniiru Obboo Xulaa Duubee.

Akkasumas bara 1991 woyta ABO chartera seene Obbo Xulaa Duubee didanii dirree qabsootti hafan.Ajaajummaa woraan Muraasa tokko qabatanii daggaluma turan.Bara 1992 ABO chartera dhiibame erga bayee booda Obboo Xulaa Duubee daggalumatti itti dhufan.Kan akka Obboo Nadhii Gammadaa fi Guuttamaa Hawwasiin wol qunnaman.Durii woraanuu beekani ammas woraana wolitti cimsatanii mootummaa Tigreen lola wolitti eegalan Obbo Xulaa Duubee.

Gama seenaa isaanii durii keessaa ammoo,1973tti kilaashii automatic dhuka’u mootummaa Somaalee Zihad Barree irraa argatan.Kilaashiidhaan diina lafarraa fixan.Woytuma kana Obboo Xulaa Duubee kilaashii oowwaa kana dhungatan.Sibiilli oowwaa waan ta’eef hidhiins na madoofte jedhu Obbo Xulaan.Yeroo kilaashii dhungatan jechi isaan jedhan ”Ee akkas Zihad Barree kiyya naa jiraadhu”…jedhan.Zihad Barreenis kana dhagayee nama san natti fidaa jedhe ture.Obbo Xulaa Zihad Barreen wol argan.Maaf Zihad Barree jiraadhu jettee kilaashii dhungatte jedhee gaafate Zihad Barreen.Obbo Xulaan duri qawwee takka takka dhukaatu Toophiyaa lolaa turree, amma qawwee automatic sirraa waan argadheef akkas jedhe jedheen obbo Xulaan.Kana booda maaluma siif godhu barbaadda jedhee gaafate Zihad Barreen.

Obbo Xulaan gootumama qofa osoo hin taane qarummas ni qaba.Yeroma san waan biraa na hin godhin Oromoo Oromiyaa ka jedhu dhiiftee maqaa Sumaalee Abboo nu hin waamin jedheen Obbo Xulaan.Obbo Xulaan maleessaaf dhaweessa namaa waan ta’eef yeroma sanuu jecha Oromiyaa jedhu falmataa turan ammas ittuma jiru.

Sagantaa harraa keessatti Obbo Xulaan seenaa qabsoo dabarsanii irraa muuxxanoo ofii akka nuuf hiraniif haasofsiifneerra. Kutaa tokkooffaa qabannee dhihaannee caqasaa.

RM June 22

@@@@@@@@@@@@@@@

http://youtu.be/i_V-pM8K7xs

Artist Fayisa Furii

Artist Fayisa Furii

RM June 10, 2013

“Ummatni goota ofii hin kabajne uummata of hin kabajnee dha” Dr. Mohammed H.
@@

RM June 2 2013

RM tamsaasaa harraa keessattii marii Obbo Beekan Gulummaa, University Finfinnee irraa, haala barumsa, qo’annoo fi guddina hog-barruu afaan Oromoo irratti gaaffii fi deebii ta’e qabatee dhihaateera, marsaa www.oromianexplorer.org dhaqaa caqasaa.

RM

RM Ebla 27, 2013

OromiaMap2009

>>>>>>>>>>>>>>>>

RM April 27, 2013

Kun Radio Marii tamsaasa isaa Ebla 13 bara 2013 ti

RMEbla7

Kora Bu'uuressitota ADO

Kora Bu’uuressitota ADO

Waltajiin Marii Oromoo biyyoota adda addaa fi yeroo adda addattii gara waggaa tokkoof dhimma QBO irratti miseensota isaa gidduutti akkaumas Oromoota biyya aambaa jiran mariachiisaa eega turee booda, xumura marii sanaati kan jedhe kora bakka bu’ootaa Bitotessa 25-27 bara 2013ti St Paul MN kessatti geggefachuun hubatame.

Korri bakka bu’ootaa kun WMO gara dhaaba siyasaatti jijjiree dhaaba siyaasaa haaraa, maqaa haraa, kaayyoo fi mullata haaraan ummata Oromoo fi akkasumas ummatoota empayera Ethiopia keessa jiran hundaaf dhiheesse jedha. Egaa dhaabaa haaraa mullataa, kaayyoo fi maqaa haaraan as bahe kana ummatni Oromoo akkamitti simataa? Sana ummata Oromoofan dhiisa. Ammattidhaabni haaraan kun, Addi Dimokiratawaa Oromoo, dhabolii Oromoo kaan irraa, ABO fi OPDO dabalatee, maaliin akka adda tahe, akeekni ADO QBOf qabu maal akka tahe, keessuma kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo kan Oromia biyya walaba taatee argamsiisuu irratti dhaabni ADO qabu ballinaan akka nuuf ibsaniif jecha G/D bu’uuressitoota ABO duranii fi yeroo dheeraa Itti-aanaa H/D ABO duraanii kan turan amma ammo bu’uuressitoota WMO akkasumas bu’uuressitoota ADO kessa tokko kan tahanii fi President ADO tahanii kan filataman Obbo Leencoo Lataa waliin gaaffii fi deebii dhihaate marsaa www.oromianexplorer.org dhaqaa caqasaa.

RM Bitootessa 30, 2013

@@@@@@@@@@

Media ykn Sabqunnamtii walabaa jechuun mal jechuu dhaa? Bilisa tahuuf ammo maal gochuu qabaa maalirras of eeggachuu qabaa? Sabqunnamtiin ykn sabahimaan tokko loog-malee ummata maqaa dhahatee tajaajiluuf itti bu’uure seeraan akka tajaajiluuf gaheen ummataahoo maal? Sabqunnamtiin qabsoo bilisummaa ummata tokkoof gumaacha maalii godha? Radion Marii tamsaasa harraa keessatti dhimma kanarratti gaaffilee kanaaf kan kana fakkataniif deebii itti barbaaduuf marii Obbo Rundasa Eshete waliin godhe qabatee dhihaateera. Yoo yeroon isiniif eeyyame marsaa www.oromianexplorer.org dhaqaa caqasaa.

RM March 24 2014
++++

Radion Marii tamsaasa isaa har’aa kana keessatti walgahii waldaa qorannaa Oromoo Atlanata Georgiatti ta’e irratti qiyyaafata.
DSC00770

==============

RadioMariiRM March 10 2013

Goota umurii guutuu galii qabsoo bilisummaa Oromoo qabsoo hidhannoo geggeessaa ture

Goota umurii isaa guutuu galii qabsoo bilisummaa Oromoo qabsoo hidhannoo geggeessaa ture

Radion Marii sagantaa harraa waa’ee boqotuu Soressaa Jaarraa A Gadaa irratti kan xiyyeeffatte sagantaa addaa fudhattee dhihattetti. Marsaa www.oromianexplorer.org dhaqaa caqasaa.

RM March 3 2013

++=++
Radio Marii Feb 25
Dr.Mohammed

Radio Marii dhaggeeffadhaa.
Radion Marii tamsaasa isaa har’aa keessatti, Gaaffii fi deebii, odeessaa fi sirboota adda addaa qabataee dhihaateera. Gaaffii fi deebii keessatti maalummaa, bu’aa fi miidhaa mootummaa fediraalaa irratti dhimma qabsoo bilisummaa Oromoo waliin walqabsiifnee gaaffii fi deebii Dr.Mohammed Hassan waliin gaggeessine kutaa 1ffaa, akkasumas gaaffii fi deebii aadde Nuhomin Biqilaa waliin taasfne kutaa 3ffaa fi isa xumuraa qabatee jira.

Walgahii Hawaasa Oromoo Melborni
RM Gurraandhala 11

RM Feb 3, 2013

LALLABA_HIN_DHAGAYAMNE2012

Radio Marii tamsaasa isaa 1-26-2013 qillensarra oolcheera. Caqasaa.

RM Amajjii 26


+++++++++++++++++++++++++++

RM Amajjii 20, 2013
@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@

RM Amajjii 13, 2013

Tamsaasa Radio Marii 01/06/2013 caqasuuf link armaan gadii xuqaa

RM Amajjii 6, 2013

Tamsaasa Radio Marii 01/01/2013 caqasuuf link armaan gadii xuqaa

RM 01 2013

Tamsaasa Radio Marii Muddee 23, 2012

for slow connection click the following tab
RM Muddee 23, 2012

Marii G/ Zelalem Gemmechuu waliin tahe Obbo Zelalem Gemmechuu

RM Muddee 16, 2012

@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@


Radion Marii tasmasa isaa Muddee 9 2012 keessatti marii obbo Abdata Shuke waliin tahe kutaa 2ffaa fi isaxumuraa akkasumas G/D A/Dagim Mekonin walin tahe kutaa 2ffaa qabatee dhihaateera. Itti dabales barru gabaabaa waa’ee sirna Gadaa fi malbulchiinsa Oromoo irratti dhihate kutaa 2ffaa akkasumas sirboota warraqsaa fi bo’aarsaa of keessaa qaba. Caqasaa.

RM Muddee 9 2012

&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&&

RM Dec 2, 2012

====================================

Radio Marii Nov 25, 2012
=======

Gaaffii fi deebii Dr Ezekiel Gebissa waliin tahe kutaa 3ffaa.

click below for slow connection
Radio Marii Onk 18-2012

Gaaffii fi deebii Dr Ezekiel Gebissa waliin tahe kutaa 2ffaa.


for slow connection, click the link below.
Radio Marii Onk 11-11-2012

Murtoon himannaa dharaa fi raga sobaan mana dhaddachaa wayyaneen sabboontota Oromoo Obbo Beqqelee Garbaa, Obbo Olbaanaa Leellisaa, Olbaanaa Lammii, Adam Buusaa, Dubree Hawwaa Waaqoo, Obbo Mohaammed Muluu, Darajjee Katamaa, Addisuu Mokiree fi Galgaloo Gufaa irratti darbe qaama gochaa farra Oromummaa ta’e murna wayyaneen raawatamaa turee fi jiruu dha. Jarreen kana qofaa miti. Oromoota kuma hedduun lakkayamantu yeroo adda addatti balleessaa malee qabamanii iddoo beekamaa fi dhokataa tahetti hidhamanii gidirfamaa jiru. Fakkeenyaa Taye Danda’a Araddo (barataa waggaa 5ffaa, Finfinnee university irraa), obbo Bayisa Dhaba Lata, obbo Muse Ali namoota bara 2009 qabamanii hidhamanii seeratti hin dhihaatin jiranii dha. kaanis hedduu dha kanan amma maqaa tarreessuu hin dandeenye.
Dinni gochaa fara mirga namoomaa tahe kanaan sabbontota Oromoo sobaan yakkee hidhaan dararaa ture harras toftaa godhatee itti fufee jira. Murni TPLF aangoo biyyattii toohatee jiru, akkuma murnoota mootummaan Ethiopia dhunfataa turanii darbanii, gocha farra Oromummaa tahee kanaan carraa fi egeree ilmaan Oromoo gabaabsaa Oromummaa diigaa Oromiaa saamaa garuu ofii jiruu fi jireenya ofii ijaarrata jira.
Kan nama gaddisisu garuu nuti ilmaan Oromoo gochaan murna TPLF kun duula Oromummaarratti geggeeffamaa jiru tahuu isaa adda baafannee hubachuu dhabuu fi hubannees waraana maalummaa fi tokkummaa keenyarratti geggeeffamaa jiru kana waltaanee kaanee tokkummaan dura dhaabbachuu dhabuu keenya. Kun hedduu nama gaddisiisa, hedduu yaaddessadhas.
Oromuummaa irratti hundoofnee waltaanee gochaa farra Oromummaa fi farra Oromia tahe kana dura dhaabbachuu han-qannee callisa keenyaan diinaaf eeyama laataa jirra. Kun ammo ergaa inni sabboontota Oromoo hidhaa kessa jiranif qabu kan nama haamilcheessu miti. Sabboonotta sichillee hidhamuu malaniif humneessaa miti. Egaa kun maaf taha? Kun nan ilaallatuu dha moo maal? Na hin ilaallatu akka hin jetne, Oromia fi Oromummaa Oromoo yoo hin ilaallatne eenyuun ilaallataa? Hiree ofii yoo wallalle malee. Mirgaa fi hiree dhabne akka hin jennee, biyya mirgii diimookrasii keessatti kabajame keessa jira. Kanaaffuu dirqama Oromummaan, mirgaa fi hiree guutuu qabnutti mahii bahuun tokkoon tokkon keenya bakka jirutti dhuunfanis tahe gareen waltaanee kaanee rorroo Oromummaarraa faccisuu qabna.
Oromummaan faarsinu sana maqaa qofa miti hojiinis faarsuu qabna. Kun dirqama tokkoon tokkoon keenyarraa deebii eeggatuu dha.
Gabaabati, gochaan mootummaa Ethiopia Oromo fi Oromummaa irratti rawwataa jiru yakkaa walii gala Oromummarratti aggamatamee waan taheef Oromummaa keenyaan kaane dura haa dhabbannu. Sadarkaa amma irra jirru kana bira tarree Oromummaarratti waltaanee diina imaammata farra Oromumaa tahe geggeessa turee fi ammallee itti jiru kana dura dhabbachuu qabna. Garee ykn murna siyaasaan wal hiree wal-takaaluun humna keenya daangessee diinaaf nu saxila malee nu hin humneessu, galii fi akeeka keenyanis nu hin gahu irraa nu fageessa malee. Kanaafuu, tumsa waliif taanee Oromummaarratti hundaa’uun Oromia fi Oromummaaf jennee diinarratti waliin dhagaa haa darbannu.
Ilmaan Oromoo balleessaa malee yakkamuun, caraa fi haqni duraa jallachuun yoos dhaabbata. Waltaanee dinarati haa bobbanu! Kun akeeka dheeraa fi fagoo tahe of keessaa qaba. Gababatti ammo bakka jiruu kanee murtoo saboontota Oromoo irratti darbe kana hiriira baanee balaaleffachuu qabna. Qaama mormii kana kan tahe petition dhihaate mallatteessinee iyyannoo qabnu gara mootummaa America fi bulchiinsa President Obama tti iyyachuu qabna.
Kanaafuu Obbo Jabeessa, nama petition kana qindeessen galatoom jechaa, dhaggeefftootni Radio Marii hundinuu petition kana Oromummaa keessaniif jecha akka mallatteessitanii buulchiinsi Obama/mootummaan America/ murna TPLF Oromoo hidhaa jiru irratti akka dhiibbaa godhan akka gaafannun kabajaan waamicha isiniif godha. Petition kana mallatteessuf fagoo dhaquu hin qabdan. Asuma fuula kanarraa harka mirgatti kana argamu Blogroll jedhu jala ulaa ykn link petition: hidhamuun haa dhabbatu jedhu xuqaa. Fuulli petition itti mallattefamu ni banama. Kanaa dura petition mallateesitanii turtan yoo tahe “emai”l fi “password” keessan yadattu yoo tahe unkaa dhihatu sana guutaa “sign” iddo jedhu xuqaa. Yoo kana dura petition hinmallattesine ykn email fi password hin yaadanne yoo tahe ammo “create an account” iddoo jedhu xuqaa, galmeeffama, “Petition” sanas achuman mallatteessa.
Akeekni petition kana turban 4 keessatti yoo xiqqaate mallattoo 25000 argachuu dha. Kun yoo guute, iyyannoon kun gara bulchiinsa Obamatti dhihaata. Kanaafuu irratti haa hirmaatnu. Oromummaa keenyaaf jennee gahee keenya haa baanu.

Oddeeffannoo dabalataa yoo barbaaddu tahe 404 424 4851 bilbilaa ykn dhugaahima@gmail.com na quunnamaa.

Wal-dorgommii Presidentummaa America fi deemsa Diimokiraasii fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo:
Gaaffi fi Deebii Dr. Ezekiel Gebissa Radio Marii wajjin taasisan


Filmaanni Pirezidantummaa Ameerikaa guyyoota murtaawaniin booda adeemsifama. Kaadhimmamtootni paartiiwwan gurguddoo lamaanii, Democratotaa fi Ripublikaana, bakka bu’anii taayitaa guddaa kana qabachuudhaaf qophii fi dandeetti qabna jedhan duula dorgommii saanii yaroo dheeraadhaaf taasisaa turan xumuranii murtii sagalee uummataatiin kennamu eegachaa jiru. Paartii Democratic bakka bu’uudhaan kan dorgoman President Obaamaan, barumsa ol’aanaa Yunivarsiitota Columbia fi Harvard irraa kan ebbifaman ennaa ta’u, tajaajila uummataaf kenuu (providing public service) kan calqaban hojjaa ijaarsa uummataa irratti (as a community organizer) bobba’uudhaan akka ture seenaan saani ni ibsa. Sana boodas bakka bu’aa uummataa ta’anii filamuudhaan kutaa Illinois keessati darbees sadrkaa guutuu Amerikaatti senaatara ta’anii hojjataniiru. Bara 2009 irraa kaaseemmoo Preezidantii Ameerika 44ffaa ta’anii filamanii amma ammaatti hojjachaa jiru. Waggoota arfan dhufaniifis marsaa lammataatiif filamanii hojjachuudhaaf duula ‘na filaa’ jedhu gaggeessaa turan.

Paartii mormituu, Republican, bakka bu’uudhaan kan dorgomanimmoo Mr. Mitt Romney nama jedhaman ennaa ta’an isaanis hojjaa dhuunfaa irratti bobba’uudhaan qabeenya guddaa fi muuxannoo hooggantummaa gahaa ta’e nama argatan ta’uu isaaniirrayyuu bulchaa (Governor) kutaa Massachusettes ta’uudhaan waggoota afuriif hojjataniiru. Dorgommii Prezidantummaadhaaf taasifamaa jiru kana keessattis ta’ee seenaa dhuunfaa kaadhimamtootaa irraa kan hubachuun danda’amu namoonni hooggantummaa siyaasaatiif (political leaders) filaman sirina barumsaa, Muxxannoo akkasumas ijaarsota hawaasaa fi dhaabbilee dhuunfaa biyyittii keessatti jalumaa (sadarkaa xiqqaa irraa) kaasee qophaawuudhaan qaramanii kan bahan ta’uu saaniiti. Kanaafimmoo President Obaamaan fakkeenya gaarii ta’u.

Haala kana dhimma Oromoo waliin wal qabsiifnee ennaa ilaallu, Oromoon yeroo sirna gadaan wal bulchaa turetti hoggantootni akka dandeettii fi umurii isaaniitti sadarkaa hoggansaarra taa’uun biyya bulchu. Kunis kan ta’u daa’imman Oromoo, da’imummaa isaanii irraa jalqabee hanga gaafa umuriin isaanii waggaa 40 guutee bulchiinsa biyyaaf gahoo ta’anitti waan keessaa darbanii ga’ummaa isaanii mirkaneeffatantu jira. Gadii Olitti muuxxannoo isaan horachaa dhufanii fi jabinni isaan agarsiisaa sadrkaa dhumaarra ga’an ga’ummaa isaanii mirkaneessa jechuu dha.

Haala kana dhimma Oromoo amma jru faana wal qabachiifnee ennaa ilaallu, aadaan hoogganaa siyaasaa jalaa kaasanii qopheessuudhaan qaranii baasuu hin mul’atu. Aadaa dimimokiratawaa warra dhihaallee hordofaa hin jirru. Kan argaa jirru namoonni sochii siyaasaa keessatti qooda fudhatan baay’een, “dandeetti qabammoo hinqabu, hoogganummaadhaaf of qopheesseeramoo hinqopheessine” jedhanii of gaafachuurra waanuma fedheyyuu haata’u sadarkaa hoogganummaa qabachuudhaaf kan waliin falman darbees akka diinaatti kan wal ilaalan ta’uu saaniiti. Hardha teeknooloojiin ittiin walquunnamuun danda’amu babaldhatee addunyaan akka ganda xinnoo tokkootti ijaa ilaalamtuuf waan biyya tokkotti adeemsifamaa jiru hordofanii barumsa guddaa irraa argachuun baay’ee rakkisaa miti. Nuti qopheessitoonni Radio Marii hooggantoonni siyaasa Oromoos ta’ee uummanni Oromoo dorgommii Piressidentummaa Amerikaatiif taasifmaa ture irraa waa baay’ee baratu amanti jedhu qabna.

Kanaafuu, haala filmaataa fi adeemsa dimokiraasii biyya Ameerikaa kanaa ilaalchisee hubannoo qaban, malbulchiinsa Oromoon sirna gadaa kessatti qabaachaa ture, akkasumas haala har’a Oromoon keessa jiruu fi qabsoo bilisummaa ittiin gaggeeffachaa jiru wal bira qabuun muxxannoo qaban irraa akka ibsa nuuf kennaniinf Dr.Ezekiel Gebissa keessummaa Radio Marii torban kanaa taasifnee afeerre. Gaaffii fi deebii Dr Ezekiel Gebissa waliin goone guutuu isaa caqasauuf as xuqaa


for slow connection click here
Radio Marii 11-04-2012
@@@@@@@@@@@@@@@@@

Murtoon himannaa dharaa fi raga sobaan mana dhaddachaa wayyaneen sabboontota Oromoo irratti darbe qaama gochaa farra Oromummaa ta’e murna wayyaneen raawatamaa turee fi jiruu dha. Dinni gochaa fara mirga namoomaa tahe kanaan sabbontota Oromoo sobaan yakkee hidhaan dararaa egeree fi carraa ilmaan Oromoo gabaabsaa. Nuti ilmaan Oromoo garuu gochaa farra Oromummaa fi farra Oromia tahe kana waltaanee dura dhaabbachuu han-qannee callisa keenyaan diinaaf eeyama laatna.
Oromo, kun yakkaa, salphinaa raawwachuu qaba. Sadarkaa amma irra jirru kana bira tarree Oromummaarratti waltaanee diina imaammata farra Oromumaa tahe geggeessa turee fi ammallee itti jiru kana dura dhabbachuu qabna. Garee ykn murna siyaasaan wal hiree wal-takaaluun humna keenya daangessee diinaaf nu saxila malee nu hin humneessu, galii fi akeeka keenyanis nu hin gahu irraa nu fageessa malee. Kanaafuu, tumsa waliif taanee Oromummaarratti hundaa’uun Oromia fi Oromummaaf jennee diinarratti waliin dhagaa haa darbannu. Ilmaan Oromoo balleessaa malee yakkamuun, caraa fi haqni duraa jallachuun yoos dhaabbata. Waltaanee dinarati haa bobbanu!
Yakka Malee Hidhamuun Dhaabbachuu Qaba

@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@
Tamsaasa Radio Marii Onkoloolessa 28, 2012 asirraa caqasaa

Marii Hawaasaa Waltajii Marii Oromoo Oslo, Norway

for slow connection, click below
Onk 28 2012

Radio Marii tamsasa isaa kan Onkololessa 21, 2012 asiratti hidheera. Caqasaa.


click below for slow connection

Radio Marii Onk 21, 2012

Oduun biyyarraa nu qaqqabe tokko akka addeessutti humni polisa federal Walloo kibbaa magaalaa Garbaa keessatti hordoftoota amantii islaamaa filmaata majilisan walqabatee dhimma majilisa keessa harka galfachuu mootummaa morman jedhe sadii ajjeesee kaan madesse. Akkasumas walitti’e bu’iinsa ta’e kanaan humna poolisa federalaa keessas nam-tokko kan galaafatame tahuun hubatame akka oduu biyyaaraa nu gahetti.

Akkuma yaadatamu baatii Ebla darbe keessaa Oromia keessaa naannoo Asaasaa tti humni polisa federaalaa maskida cabsanii seenuun hordoftoota amantii musilimaa sagadarra turan keessaa afur ajjeesuun ni yaadatama.
Akka oduun Finfinnee irraa bahe addeessuttu walitti bu’iinsi amma Walloo keessatti tahes itti fufinsa mootummaan Ethiopia gaaffii mrigaa hordoftootni amantii musiliimaa kaasan ukkamsuuf godhaa jirudha jedha.

Akkuma iddoo birotti, walloo kessatti kan tahe, Mootummaan soban dabalootaa ofii majilisa godhatee filachuu yeroo yaaletti ummatichi harkaa fashaleessee. Irra caalaayyuu ummatni bakka butota nuuf tahu jedhe filatee ergate. Mootummaan gama isaan bakka buutota ummataa fudhatama dhorkachuu bira darbee humn poolisa federalaan bakka buttota ummataa irraan miidhaa gahuu filate. Sun ummaticha dalanisessee walitti bu’iinsa kanaaf sababa tahe, jedha oduu achii nu gahe. Qacceen ofumaa reebee ofuma iyya akkuma jedhamu, polisi federaala okkoricaaf sbaba tahee utuma jiruu ummataan okkora kaastan jedhee rasaasaan reebee ajjeesa. Dhukaasa polisa federaalaan namoonni afur kan du’an yeroo tahu hedduunis akka mada’an addeessiti maddi oduun keenya.
Akkuma beekamu mormiin hodoftoota muslima eega jalqabe waagga tahuuf deeme. Hanga ammatti mormiin magalowwan keessatti deemaa ture karaa nagaa fi haala qindoomina qabuun kan ture yeroo tahu, mootumman basaasota fi kashalabota itti bituun akka hordoftoota manatii musilimaa fakkataanii keessa seenanii okkora kaasaniif yaalii gochaa akka tureef garuu hanga yoonatti kan duraa fashalaa ture tahun beekamaa dha. Ammas hogganoonnii fi qindeesitootni mormii kanaa eeggannoo jabaa gochuun basaasa fi murna tikaa wayyaneef meehsaa fi irbaata tahuu of-oolchuu qaban. Kanaafis mormii godhaa jiran karaa nagaa fi haala qindoomina qabuun baballisuun mootummaa kana jilbeenfachiisuu qaban.

Miseensa Gumii Sabaa ABO (Shane)
Obbo Biraanaa Gammachuu fincila diddaa garbummaa barattoota Oromoon waggoota muraasa dura biyya keessatti ta’ee ture sabboontota gaggeessaa fi hogganaa turan keessaa nama tokko yoo ta’u, eegaa mana hidhaa wayyanee keessaa baheen boodas qabsoorraa utuu hin fagaatin, qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hogganamutti makamuun dirqama olaanaa fudhatee nama socho’aa jiruu dha. Obbo Biraanuun Kora sabaa ABO sadaffaa bara 2004 ta’e irratti namoota shan biyya keessaa Gumii Sabaa ABOti akka makamaniif taasifaman keessaa tokko yoo ta’u, yeroo sanaa kaasee hanga ammaatti Miseensa Gumii Sabaa ABO obbo Dawud Ibsaan hogganmuun nama hojjechaa jiruu dha. Obbo Biraanuun yeroo adda addaatti barreeffamoota rakkoo siyaasaa fi mal-bulchiinsaa ummatoota Ganfa Afrika hudhee jiru, keessattuu rakkina qabsoo bilisummaa Oromoo irratti xiyyeeffatan bareessee dubbisaaf dhiheessuun gahee ofii nama bahaa jiruu dha. Akkasumas kitaaba Walaloo Innoo jedhamu barreessee fi maxxansee dubbisaaf nama dhiheessee dha. Gaaffii fi deebii harraa kana keessatti Obbo Biraanun rakkoolee qabsoo Oromoo hudhanii jiranii fi furmaataa waliin yaadaa dhuufnaa bareeffamoota kanaan dura dubbisaaf dhiheesse irra dhaabbachuun dhaggeeffatoota keenyaaf dhiheessa. Marii kanaaf fedhaa fi yeroo qabaachuu Obbo Biraanuuf galatoom jecha guutummaa gaaffii fi deebii kana akka dhaggeeffataniif isin afeerra. Caqasaaa.
Radio Marii Oct 14 2012

Obbo Biraanuun gaaffii fi deebii kana nu waliin gaggeessuuf fedha qabaachuu isaaf dursinee maqaa dhaggeeffattoota keenyaan hedduu galatoom jennaan.
@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@@

Radio Marii sagantaa 10-07-2012 keessattii Oduu, Irreechaa akkasumas gaaffii fi deebii Obbo Dirribii Bokku, akkasumas marii hoggaanoota Jarmiyaa Mangudoota Oromo Minesota kutaa 2ffaa qabatee dhihaateera. Caqasaa

for slow connection click here
Radio Marii 10-07-2012

^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^

Gaaffii fi deebii Hogganoota Jarmiyaa Manguddoota Oromo MN, Dr Seifu fi Haji Bushura kutaa 1ffaa. Caqasa

for slow connection
Radio Marii 09-30-2012

++++++++++++++++++++++++
Hordoftootni amantii musilimaa mormii fi gaaffii mirgaa jalqaban itti fufan.

Gaffii fi deebii Obbo Abbaa Liban Dabasaa Guyyoo

for slow connection click here Radio Marii 09-23-2012

Dhaggeeffattoota keenyaa sagantaa armaan duraa keessatti gahee safuun, araarrii fi mariin ilaa fi ilaamee aadaa akkasumas jiruu fi jireenya Oromoo keessatti qabu waiin ilaallee turre. Itti dabaluunis dhaloonni har’aa seenaa Oromoo bade ykn boodatti harkifamee ture deebisee dagaagsuuf, biyyaa ofiirratti abba biyyummaa ofii mirkaneeffatee fi kabaja namummaa horatee misoomarratti akka fuullefatuuf adaa, dudhaa fi safuu Oromoo bekkuu fi ittiin jiraachuun milkka’ina qabsiachaa gumaacha guddaa akka qabu hubanna.

Oromoon yeroo sirna gadana bulaa turee fi ammas naannoo Oromoon sirna gadaan bulaa jiru keessatti miseensi hawaasichaa hunduu dirqamaa fi gahee ofii qabaata. Heeraa fi seeraa biyyaa hordofuun hokkora malee nagaan gadaa/aangoo wal-harkaa fuudhu. Miseensi hawaasichaas sadarkaa sadarkaan wal-qoree dhuunffanis tahe gareen dirqamaa fi gahee ofii akka bahuuf of-qopheessa.

Gama biraan eega Oromoon sirna kolonii jalatti kufee addaa fi mal-bulchiinsi alagaa irratti aguugfamee asitti sirni gadaa fi aadaan Oromoo akka laaffattuu fi badu godhamaa ture. Gochaa sirna koloneeffataa kana dura dhaabbahuun malbulchiinsa farraa Oromummaa ta’e sana ofirraa fonqolchuuf ummatni Oromoo finciluu eega eegalee bubbuleera. Qaama diddaa qabsoo ummatichaa kan ta’e qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa jaarmiyatti ol-guddatee qindoominaa fi waaltuummaan qabsoo ummatichaa hogganumaan geggeessuu eega eegalee gara wagoota 40 lakkoofsiseera. Dhaaboliin kun bilisummaa Oromoof argamsiisuuf sagantaa labsatanii qabsootti haa bobba’an malee haallii fi aadaa keessaati bu’uureffaman adaa cunqursaa fi srina koloneeffataa keessatti.
Egaa irra guddeessi dhaabolii kana akeeka ykn kaayyoo waliigalaa godhatanii kan ka’an sirna mal bulchiinsa alagaa kan dinni ittiin Oromoo cabsaa biyya Oromoo itti too’ate sana barbadeessuun sirna mal-bulchiinsa Oromoo- sirna gadaa dabalatee, deebisuuf ture. Haata;uu garuu akka itti of-ijaaraaniif itti of ijaaramaa jiramu garuu sirnaa fi aadaa iddotti deebisuuf qabsaa’an sanaa hin fakkatullee hin mijatuuf ille.

Barreeffama kanaaf hundee kana tahe, akkataa dhaaboliin bilisummaa Oromoof qabsaa’aa jiran harra qabeenya Oromoo keessahuu humna ummatichaa, dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoo dabalatee, qabsichaaf itti qopheessaa fi hojiira oolchaa jiranii dha. Akka carraa tahee eega Oromoon sirna kolonii jalatti kufee kaasee yeroo adda addaatti empayeera Ethiopia kan bulchaa turan nagaan aangoon na ga’ee dhaloonni haraan itti darbee haa bulchu jedhanii aangoo lakkisanii hin beekan. Heeraa fi seera isaas hin qaban. Qabaatanis hin kabajan. Angoo qabatan kan gad-dhiisan du’aan ykn humnaani. Mootummaa Haile Silasie, Mengistuu fi Meles irraa kanuma agarre.
Oromoon bara sirna gadas tahe harra naannoo gadaan bulamaa jiru keessatti aadaa fi shaakaltii akkasii qabaatee hin beeku. Ammoo dhaaboliin Oromoo mal-bulchiinsa Oromoo deebisuuf qabsaa’an shakaltiin qaban ykn calaqisuu kan sirna gadaa, shaakaltii Oromoon duriin qabu fi harralleen bakka sirni gadaa ittiin bulamaa jiru keesstti qaban sana utuu hin taane shaakaltii kan sirna koloneeffataa irraa kan ergifatan fakkata. Akkuma wara koloneeffataa sana umurii guutuu aangoo jala waan fiiguu fedhan fakkatu. Sun ammo irraan deebi’aa shaakaltii fi aadaa Oromoo miti, kan ergisati malee.

Dhimma kanarratti kan xiyyeeffate gaaffii fi deebii harraa keessati keesumman keenya Obbo Abba Liban Dabasa Guyyoo barumsa nuuf kennu. Innis akkataa Oromoon bara sirna gadaa kessatti, akkasumas harraa nannoo sirni gadaa itti hojjetaa jiru keessatti, itti jiraataa turanii fi jran irraa, akkaataa hawasichi miseensa dhalootaan walirraa jalaan wal-qopheessaa ummata ofii fi biyya ofii herraa fi seera ofii tumatanii of-bulchaa turanii fi jiran irraa dubbachuun harra jarmiyaa siyaasas tahe ummataa akkasumas namuu dhuunfaan aadaa fi mal-bulchiinsa ergisaa isa faallaa Oromoo fi Oromummaa tahe sana dhiisee shaakaltii adaa fi mal-bulchiinsa Oromoo sanaan masakamanii Oromumaa dagaagsuu irratti akka xiyyeeffatanii gorsa dhaggeeffatootaa keenyaaf dabarsu. Guutuu gaaffii fi deebii kanaa oduu oodaa booda dhihaataa caqasaa.

Oromo people celebrate Irreechaa- Oromo Thanksgiving arround the world.

Baatiiwwan sadan darban kana median dhimma Empayeera Ethiopia irratti gabaasan kan xiyyeefftana waa’ee dhukkubsachuu fi hjiirraa dhabamuu fi booda s du’an aangoo gad-dhiisuu Mallas Zeenaawwii ture. Tarii du’a Mallasin wal qabtaee biyyattin carraa gara dirree dimokrasitti deemuu argattii laata jechuun kan abdatan akkuma jiran, kanneen tokkummaa biyyatti lellisanii fi sirna darbe deebisuuf tattaffatanis hiree aangoo deeffachuu arganna jedhanii haala mijeeffataa turan. Haaluma mormitootni kanaan sirna darbe deebisuuf carraaqan garaagarummaa isaan gidduu jiru xiqqeessuun ykn boriif bulchachuun gidduu isaaniitti tokkummaa uumuun sochii adda addaa erga taasisuu jalqabanii bubbulanii jiru. Sochii isaanii kanaanis yoo xiqqaateef mootummaan sun bifa kamiinuu yoo kufeef kan bakka bu’uu danda’u jedhanii yaadan mootummaa cehumsaa bifa lama qabu akka caaseffatanii fi jijjiirraa fiduuf kan of qopheessan fakkatu. Ha ta’uu garuu humnaa fi mullata garee mormitootaa tokkoomsaa fi humnoomsee mootummaa abbaa irree tahe sana raasuu ta’uu hin dandeenye sadarkaa oloolaarra darbee.

Haala wal-fakkaattuun dhaabonni Oromoo mirga fi gaaffi ummata Oromoof qabsa’an garaa garummaa qaban xiqqeessuun haal duree tokko malee Oromoo fi Oromiaf duree keennuun wal-tumsanii humna ta’anii sagalee tokkoon sirna cunqursaa kanarratti duuluu dhabuun isaanii guddaa kan nama gaddisiisuu fi yaaddessu ta’ee jira.

Garaagarummaan TPLF keessa jirus babal’achuun hanga ammaatti ifa ba’uu baatellee, wal dhiibbaa guddaan jiraachuu isaa duti Obbo Meles eega ifsamee as yeroon aangoo wal harkaa fuchuu hanqachuun gad-fageenya rakkinichaa ifatti agarsiisa. Kun utuu jiruu, torbee tokko dura qondalota waraanaa gara 37 ta’an muudaman keessaa harki wajabni dhalootaan Tigree dha, yoo xiqqaate 5 keessa 4 Tigiroota. Gochaan waliigalaa kun akka mullisutti murni TPLF yeroo itti fudhatanii too’annoo caasaa duraanuu diriiree jiru sana haalan eega gad-jabeefataniin booda walgahii sanbta darbe kana gaggeeffataniin Mumicha Ministeeraa fi itt aanaa muuduun kan of –dandamachiisan fakkata. Mumichi ministeera Hayilemariam Desalenyii fi itti annan isaa Mokonnin Dammaqaa dhalootaan Tigiree hin ta’in malee humni if kaayyoon duubbee isaanii jiru olaantummaa fi fedha murna TPLF kan tiksu tahuun hubatamaa dha.

Kun utuu akkasitti jiruu, yeroo fi haala adda addaa keessatti dawoo tahee mootummaa Mallas balaa itti aggamatameerraa kan dandamachise gartuun OPDO filmaata amma ta’e keessatti aangoo humna fi gahee isaan wal gitu tokko argachuu dhabuuni, murni TPLF gam-tokkoon sodaa ykn ammo tuffii akkamii akka isaan saba Oromoof qaban agarsiisa jechuun namoonni yaada wal-falleessan dhiheessu.

Haala kanarratti gad-fageentyan akka dhaggeeffatootni Radio Marii hubataniif Obbo Jawar Mohammed waliin gaaffii fi deebii goone guutuu isaa sagantaa harraa keessatti dhiheessineera. Caqasaa.

for slow connection click here Radio Marii 09-16-2012

————————————————————————————-
Radio Marii sagantaa 9-9-2012 tamsaasarra oolcheeraa caqasauuf as xuqaa.

for slow connection click below
Radio Marii 9-9-2012


Interview with Mr Dawey Ibrahim, former Chairman of the Confederation of Ethiopian Trade Unions
———————————————

Dr Marara Gudina, OFC Chairman
Interview with Dr Marara Gudina, Chairman of the Oromo Federalist Congress.
Tamsaasni Radio Marii 8-26-2012 Oduu, gaaffii fi deebii Dr Marara Gudina- dura taa’aa OFC waliin tahe akkasumas sirboota warraksaa fi bo’aarsaa qabatee dhihaateera. Caqasuuf as xuqa.

Interview with Dr Mohammed Hassen Dr Mohammed Hassen

Professor Mohammed Hassen Georgia State Universititti hayyuu seena kan ta’an yeroo tahu seenaa saba Oromoo isa barreessitoota habashaa fi leellistootan isaaniin dhokfamee fi dabsamee ture sana ifa baasuun kan dhugaan bakka buusaarrattii hayyuu hojii boonsaa ta’ee hojjetaa turanii fi jiran hayyuu seenaa ti. Dhimma seenaa Oromoo irratti gummachaa Dr Mohammed godhaa jiran yeroo biraaf dhiifnee harraa sochii Oromoon abbaa biyyuummaa ofii mirkaneeffachuuf godhaa turee fi jiru keessatti kanaan dura ummatichi carraa akkaamii akka argate turee fi hangam akka irraa fayyadamee akkasumas kan irraa fayyadamuu dhabees sababaalee isaa waliin ija hayyuu seenaan kan darbee sana ilaalanii kan as deemaa jiruuf akka Oromoon of-qopheessuuf barumsa akka nuuf kennaniif gaaffii dhiheessineefii ture. Gaaffii fi deebii Dr Mohammed waliin goone sagantaa harraa kesssatti qabannee dhihannerra. Dr Mohammed yeroo isaanii fudhachuun gaaffii fi deebii kana Radio Marii waliin gochuu isaniif maqaa dhaggeeffatoota Radio Mariin hedduu galatoomaa jechaa isinis akka caqastaniif isin afeerra. Caqasuuf as xuqaa.

Head of OFC
Dr Merera Gudina, OFC Chairman

Part 2 of the interview with Obbo Bekele Nega, Secretery of the Oromo Federalist Congress (OFC) on the current state of the OFC and the state of the Oromo people as well as the Oromo National Struggle is presented below. Caqsuuf as xuqaa.

Interview with Obbo Bekele Nega, Secretery of the Oromo Federalist Congress (OFC) on the current state of the OFC and the state of the Oromo people as well as the Oromo National Struggle will be aired tomorrow 8-5-2012.
Tune to Radio Marii @ www.oromianexplorer.org.

Gaaffii fi deebii Barreessaa OFC below is in another format
Radio Marii 8-5-2012

Radio Marii

Radion Marii sagantaa 7-29-2012 link armaan gadiin tamsaasarra oolcheera, Caqasuuf as xuqaa

Radio Marii 12

Sagantaa Radion Marii 7-22-2012 caqasuuf as xuqaa. Note: Interview with Professor Ephraim Isaac, news, analysis and music. Click the link below. Thanks.

Radio Marii 11

Sagantaa Radio Marii 07-15-2012 caqasuuf as xuqaa

Radio Marii 10

Radio Marii 9

Radio Marii sagantaa 7-8-2012 caqasuuf asxuqaa

Radio Marii7

Radio Marii 6

[jwplayer mediaid="872"]

Gaaff fi deebii Obbo Leencoo Lataa kutaa 2ffaa

Radio Marii 1

Gaaffii fi deebii Leemcoo Lataa 1

Previous media files will be uploaded shotly.

Welcome to Oromian Explorer

Look Back to March Forward

Allow me to take off my hat, and salute those gallant men and women who fought and sacrificed their precious lives in defense of Oromummaa. Because of their sacrifices, today Oromia is a reality and there are also many substantial victories on the cultural front- for example as qubee is flourishing well despite maltreatment in the hands of the enemy.
In the struggle for the realization of Oromumma, many heroines and heroes we have seen. Many more are coming to the scene. Their sacrifice is to remove Ethiopian colonial war machinery and its apparatus-be it through dialogue or armed struggle-with the ultimate goal of forming a government that reflects Oromo national, political and economic interests.
Looking back in the rear view mirror, I know we, as a nation, have come very far from where we started. The road we have come so far has been thorny, twisted and exhaustive. Looking forward, the journey ahead is full of much more twists and turns with many more hills and valleys to traverse. However twisted the journey may be, I am rededicating myself in taking up the fight for two reasons: Firstly, it is out of respect for the gallant men and women who fought and sacrificed for our liberty in the past as well as who are fighting so right now in different forms and places defending Oromian National Struggle. Secondly, and more importantly, because I have a clearer end goal in my mind: that is contributing my tiny share in the sea of fighters to render human liberation a reality in the great Kush territory far beyond Oromia.

Marching forward, we have to look back and assess the past to draw lessons in order to guard past mistakes from reoccurring in the future. Looking back is also to assess the achievement, the hills traveled, the valleys traversed, the mind liberated as well as experience gained. It is to evaluate what you have in your toolbox. It is to celebrate the victories.
It is the fact that successive Ethiopian governments have been waging war against Oromian National Interest. Oromo nationalists have created and rallied behind different Oromo fronts in resisting or removing this continuation of subjugation by successive Ethiopian regimes. One common feature since the conquest of Oromia has been that Oromia and its resources have become the backbone of the Ethiopian empire and that the resources of Oromia is what has strengthened the enemy position.
Without reversing these statuesque, it would be hard, if not impossible, to achieve Oromian national objectives. To reverse the statuesque and ultimately achieve our national objective, we need not only armed forces but also dialogue and peace makers. To carry out these objectives effectively, the Oromo forces should be strengthened economically, militarily, ideologically and organizationally. Our enemies, problems and challenges are diverse. So we need diverse and different approaches, different task forces- in different cloths- different voices. That is why we need to have a dialogue on what an overriding Oromian national objective should be and how to allocate the meager resources to achieve such objectives.
Articulation of an overriding objective will galvanize the different sectors of our society and thereby enable our organizations to consolidate and coordinate the liberation struggle.
We are launching Oromian Explorer to provide a little space for such a national dialogue.

Welcome to Oromian Explorer

16 Comments

16 Comments

  1. Raduyoon kaleessaa maal taate

  2. Durse qopheysitoonni fi qindeysitoonni radio marii galatoma. Hasawa Obbo Leencoo Lataa haaseeysitan dhageeyfadhe,waan baayye’e irratti na quubse,na gammachise.haa galatomu.
    Itti ansee bara 91 irraa eegalee Oromotni duraan dheeda cinachaa fi gosan wal jibba fi wal waraana turan illeen araaramani akkan wal jaalacha Oromummaan hariroo obbolummafi firummaan wajji jiraacha toran. Garuu bara 2001 irra eegalee xiqqo xiqqoon odoo naannumman wal filuu, wal jibbuu jalqabame, gaafa murni jijjirama jedhu umame bodha naannummaa fi gosaan wal qooduu wal madeysuun danga dabree haala sodachisa keeysa jirachutu na mullata. Kanaf maddi rakko kana beekaatis tahe walalaan,suduudanis tahe naannawan hogganota.jechun hogganotni dhaaba hunda dogoggoran badi tanaf qoda gamtanis tahe dhunfan gumachan akka jiru hin mamsisu kan ja’u natti mul’ata. Haa tahu wanni tahe tahe tana hubatani fudhatni haala kan sirreeysuf laalcha maal qaban. Kan furu ho?

  3. Maal yeemmu atti gaafatu saagaleen jira garu deebin obbo leenco injiiru maalii rakiinisa? Yoo danddesse siiresime

    • Obbo Obsa:
      Tamsaasa isa kamtu akka rakkina qabu yoo adda naaf baafte ilaaluun danda’a. Gaaff fi deebii Obbo Leencoo Baatii moo kan Leencoo Lataa jettaa? Kutaa duraa moo 2ffaa? Ykn guyyaa tamsaasaan adda naaf baasi irra deebi’een ilaala.

      Nagaan,

      Dhugaa

  4. Yaa Dhugaa Hima,
    Ammaan kana gaafii fi deebii Obbo Leenco wajjin goote kutaa 3faa dhageefataan jira. Gaafi fi Deebii Dr. Bayan wajjin gootes dhaggeeffadheen jira. Gaaffii hedduu gaarii ta’an fi barbaachisaa ta’an gaafatte waan ta’eef galatoomi siin jechuun barbaade. Itti fufi, yaa obboleesso.

    Bonaya

  5. naga ilmmaan oromo hundaf hatahu kan darbbe darbbe wa.e funduraatif hadhabbanu walin kandu.en oli kan jiru gadi tanerra holola nama hin dhaga hina hanggan argetti oromon qulqullun dhiga sabasa hin dhugu kan maka qabutun nurakkise rabbi jira jabadhan jedha walin hajabannu

  6. Hedduu namatti Toltuu sagantaa bareedaa qabdanii woliin jiraa jajjabaadhaa nuti

    Oromoon hundi maqaa Oromummaa irrati wol jajjabeesinaa!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

  7. Hunda dura nagaan waaqaa haadursu.Baga kanaan nuga’e.

  8. Dhugaa Hima,
    Dhuguma “dhugaa himaa” yoo taate maaliif gaaffilee sadan an gaafadhe maaliif kuttee hambifteree,

    Bonaya

  9. Forwarded Comment from:
    Bonaya Bonso bonayabonso@gmail.com

    Nagaan ha dursu,

    Gaaffii fi deebii Obbo Leenco Lataa wajjin gootan kutaa jalqabaa dhaggeeffadheera. Deebiin Obbo Leencoo gaaffii hedduu akkan gafadhu na godhe. Oromooti baay’een akkuma koo ta’uun isaanii hin oolle jedheen amana. Gaaffii hunda illee gaafachuu hin danda’uu mee gaffilee sadan kana gaditti argaman kutaa isa lammataa keessatti akka deebisaniif ittiin naa gahaa.

    • Obbo Bonaya:

      Hedduu galatoom yaada keef. Xumura gaaff fi deebii darbee irratti kutaa 2ffaa qabannee akka dhihannu beeksifnee turre. Akkuma kanaan Obbo Leencoo haasofsiifnee marii sana dhiheessuuf qophii xumurrannee jirra. Yaada keef galatoom jechaa gaaffilleen ati nuuf ergite ammatti waan yeroon nu hin qaqqabneef yeroo biroof bulfanneerra. Yeroo biraa haala biroo keessaatti, gaaffilee biroo ka’uu malan waliin Obbo Leencoonis tahe qaamota biroo dhimmi kun ilaallatu akka gaafanu dursee beeksisa, Radio Marii marilee fuulduratti deemuu malan dursee marsaan kanaan beeksise ummatni keenyas gaaffii deebii argachuu qaba jedhan dursanii akka dhiheeffataniif haala mijeessuuf irratti hojjeta jira.

      Yaada keef heddu galatoom

      Dhugaa

      PS: for more comments and suggestions, click the Comments RSS button on the home page.

  10. Dear Admin

    Please share this information so that it can reach all Oromos.
    http://oromiatimes.multiply.com/photos/hi-res/1M/2902 (Poostarii Kora Kutaa GGA)

    Kabaja wajjin

    OromiaTimes

  11. Dear Oromianexplorer web admin

    Please share this information on your website so that it can reach all Oromos.
    http://oromiatimes.multiply.com/photos/hi-res/1M/2902 (Posterii Kora Kutaa GGA 2012)

    Kabaja wajjin

    OromiaTimes

  12. Oromiyaa Biyyakoo

    He who has nothing to fear should stand and face any problems no matter how and where they come from , but above all he has to be able to tell what causes a problem and if there is a problem in the first place, with the options of at least giving chance to discussions ! Actions of blocking or avoiding people, just yield unknown fears and luck of self confidence! thanks for the link , at least this is something!

  13. Girma Wakkatta

    Jalqaba garii,
    Hala ammaan tana jirttu keyssatti wa mayyii hirmmachuu danddeyssu jedhen amana. Maqaan kessan garu Radio Afuura Biyyaa waliin walitti dhiyate/walfakkatti kana foyyeffachuu yoo dandeyssan mal isinit fakkatta?
    Hunddaf iyyu jabadha.
    G.W